Itiyoophiyaan qabeenya uumamaafi haala qilleensaa mijataa qabdu carraa misoomatti jijjiirtee addunyaaf galtee ta’aa jirti.
Dameewwan qonnaa keessaa misoomni Hortiikaalcharii, misooma Hortiikaalcharii keessaa immoo misoomni Abaaboo gabaa addunyaatti ba’uun fudhatama argatee diinagdee biyyaa utubaa jira.
Ji’oota saglan darbanittis Itiyoophiyaan oomishaalee fedhii gabaa addunyaa guutan oomishuuf investimantii qonnaa jajjabeessuun damichi bu’aa olaanaa akka argamsiisuuf hojjetteetti.
Abaaboo gabaan addunyaa barbaadu qulqullinaafi baay’inaan oomishuunis danda’ameera.
Bu’uuruma kanaan ji’oota saglan darban qofa misoomni Abaaboo gabaa alaaf dhiyaate toonii kuma 84 ol guddina Kan argisiise yoo ta’u, ji’oota saglan darban misooma Abaaboo irraa Itiyoophiyaan galii doolaara miiliyoona 360 argatteetti.
Abbootiin qabeenyaa lafa misooma Abaaboof fudhatan guutuutti akka misoomsan taasisuuniifi sirna jijiirraa sharafa alaa fooyyessuun, tarkaanfilee misooma Abaaboo guddisuuf fudhatamaniidha jedhan, Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti, Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa karaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin.