‎Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa daran wal tumsuuf kutannoo qabaachuu ibsameera

You are currently viewing ‎Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa daran wal tumsuuf kutannoo qabaachuu ibsameera

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 24/2018

‎Fooramiin Invastimantii Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa Faransaay Paarisitti adeemisifamuu eegaleera.

‎Fooramichi tumsa diinagdee Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa giddu jiru cimsuu fi carraawwan invastimantii haaraatti fayyadamuun akkaataa danda’amurratti kan mari’atu ta’uun ibsameera.

‎Fooramicharratti Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD), Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, Gamtaa Awurooppaatti Daayirektarri Eeggataa Afrikaa Geezaa Sitiraamar, Ergamaan Ministeera Daldala Alaa fi Diinagdee Faransaay Niikoolaas Faarsiyari argamaniiru.

‎Obbo Ahimad Shiideen fooramicharratti fooyyeessii diinagdee gooroo irratti ibsa kennaniin, riifoormichi invastimantii damee dhuunfaa hawwachuu fi walitti hidhamiinsa Itoophiyaan diinagdee addunyaa waliin qabdu caalmaatti guddisuu ibsaniiru.

‎Baniinsa fooramichaarratti anga’aan biyyattii haasaa taasisaniin, tumsi diinagdee Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru guddachaa akka dhufe kaasaniiru.

‎hojiilee Itoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO)tti makamuuf hojjechaa jirtus dinqisifataniiru.

‎Fooramii Invastimantii kana irratti carraawwan Invastimantii Itoophiyaan dameelee qonnaa, daldala, anniisaa haaromfamaa, ce’umsa diijitaalaa fi bu’uuraalee misoomaan qabdu dhiyaateera.

‎Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa damee daldalaa, invastimantii fi diinagdeen daran wal tumsuuf kutannoo qabaachuun ibsamuu isaa odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply