Itoophiyaa magariituu ijaaruuf ejjennoo qabnuuf Walaayittaa Sooddoon ragaadha- Abiyyi Ahimad (Dr)

You are currently viewing Itoophiyaa magariituu ijaaruuf ejjennoo qabnuuf Walaayittaa Sooddoon ragaadha- Abiyyi Ahimad (Dr)

AMN PLUS – Hagayya 10/ 2017

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) ejjennoo Itoophiyaa magariituu ijaaruuf qabnuuf Walaayittaa Sooddoon ragaadha jedhan.

Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Arbaaminici hanga Walaayittaatti wayita imallu bu’aalee misooma magariisaa keenya akkasumas ooyiruu misooma qonna fuduraa daawwanneerra jedhan.

Tattaaffiiwwan kunneen magariisummaa deebisuurra darbee hojii haala jiruufi jireenyaa ceesisuuf hojjetamu ta’uus kaasaniiru.

Uummanni Walaayittaa aadaa hojii cimaafi gamtaan beekamu adeemsa jijjiiramaa kana keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jirus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply