Itoophiyaa Waancaa Afriikaarratti ni argina- MM Abiyyi Ahimad (Dr)

You are currently viewing Itoophiyaa Waancaa Afriikaarratti ni argina- MM Abiyyi Ahimad (Dr)

AMN PLUS – Hagayya 15/2017

Invastimantii damee ispoortii irratti taasifamaa jiruun yeroo gabaabaa keessatti Garee Biyyaalessaa waltajjii Afriikaa irratti injifataa ta’e ni uumna jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr)

Itoophiyaanotni hundi dorgommiiwwan kubbaa miillaa gurguddoon yeroo dhufan hinaaffaa guddaa akka qaban yaadachiisan.

Abjuun kun garuu taphattoota kubbaa miilaa fi federeeshinicha arrabsuun hin milkaa’u kan jedhan Dr. Abiyyi, damichi invastimantii guddaa barbaada jedhaniiru.

“Finfinnee keessatti istaadiyeemiiwwan dhibbaan lakkaa’aman ijaarreerra, daa’imman bakka hin malle osoo hin taane kubbaa taphachaa guddachaa jiru” jedhan.

Istaadiyeemii tokkoon tokkoon kanarraa taphataa tokko yoo arganne, taphataa cimaa dhibbaa ol ni argama kan jedhan Dr. Abiyyi, waggoota 10-15 keessatti Itoophiyaa Waancaa Afriikaa milkeessite ni argina jedhaniiru.

Istaadiyeemii gurguddoo ijaarruun dabalata guddattootaaf araddaa jiran keessatti invastimantii dirree taphaa har’a hojjennuun bor ni milkoofna, hin shakkinu jedhan.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply