‎Itoophiyaafi Kaataar Invastimantii fi Misoomaan haala itti waliin hojjatan irratti mari’atan

You are currently viewing ‎Itoophiyaafi Kaataar Invastimantii fi Misoomaan haala itti waliin hojjatan irratti mari’atan

‎AMN Plus- Onkoloolessa 10/2018

‎Marii waliinii Garee Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Ameerikaa Waashingtanitti adeemsifamaa jiru cinatti, Itoophiyaafi Kaataar Invastimantii fi Misoomaan haala itti waliin hojjatan irratti mari’ataniiru.

‎Ministirri Maallaqaa FDRI Ahimad Shidee, gita isaanii Kaataar Alii Biin Ahimad Al Kawaariifi Daayirektara Jeneraalaa Fandii Misoomaa Fahaad Haamaas Al-Suleeti wajjin Dhimmoota waloo akka bu’uuraalee misoomaa, invastimantiifi misooma garaa garaa irratti waliin hojjatan irratti mari’ataniiru.

‎Gareen lamaan garee teekinikaa pirojektootni kanneen hojiitti hiikuufi hordofu hundeessuuf waliigalaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply