
AMN PLUS-Sadaasa 10/2018
Itoophiyaan bara 2050tti biyyoota gurguddoo addunyaa diinagdeen badhaadhan 20 keessaa tokko ta’uuf wixinatteetti.
Maarree kun kan milkaa’u damee hubannoo namtolcheetiin yoo ta’eedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) bara 2013 yeroo Giddugala AI hojii eegalchiisan.
Teekinooloojiin AI dameen keessa hin seenne hin jiru. Qonna, indastirii, fayyaa, tajaajila, daldalaafi kanneen biroo keessatti gaheen isaa olaanaa akka ta’es hubatamuun sochiin taasifamaa ture amma firii agarsiisaa jira.
Aartifishaal Intalajensii Hundaaf “AI for All” mata duree jedhuun damee kana misoomsuuf ragaafi qorannoo irratti hundaa’uun giddu gala AI hundeessuun hojii bal’aan hojjetamaa akka jiru Daayirektarri Olaanaan Giddu Galichaa Injinar Warquu Gaachanaa (PhD) ibsaniiru.
Giddu Galichis erga hundaa’ee Waggoottan shan kan lakkoofsisee ta’uu ibsuun, jijjiiramni dhufe guddaa akka ta’e himaniiru.

AI’n dameewwan baay’ee keessatti hojiilee bal’aa hojjechaa akka jiru kan ibsan Daayirektarichi, amma teekinooloojii kana haalaan bal’isuun iddoo hojii sadarkaa isaa eeggate “SMART” ta’e mijateefii, gamoon haaraa shan ijaarameefi lama ammoo haaromsuun tajaajilaaf banaa akka ta’es ibsaniiru.
Giddu Galli AI kun dargaggootni hedduu yaada kalaqaa fi dandeettii teekinooloojii qaban bakka itti yaada burqisiisaniifi hojiitti hiikan, daa’imman ammoo barachaa damee kanaan of gahoomsaa itti guddatan ta’uu dubbataniiru.
Dargaggoota AI barsiisanii gahoomsuuf waan hedduu akka hojjetan kan dubbatan Injinar Warquu Gaachanaa (PhD) waggoota afran darbaniif Sagantaa Barnoota Gannaatiin barattoota hedduu akka leenjisan ibsaniiru.
Dabalataanis, “Sadarkaa Digirii 2ffaa (MA) fi doktarummaa (PhD) tiin AI qofa barsiifnee eebbisuun giddu galicha akka deeggaraniif hojiileen hojjenne ni jiras” jedhaniiru.

Teekinooloojiin AI dameewwan akka tajaajilaa, qonnaa, fayyaa, indastiriifi kanneen biroo keessatti deeggarsa olaanaa taasisaa akka jirus ibsaniiru.
Teeknooloojiin AI sagalee gara barreeffamaatti, barreeffamas gara sagaleetti jijjiiruun faayidaa guddaa kennaa akka jiru kaasaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Innisheetivii Koodaroota Miliyoona Shanii waggoota lama dura kan eegalchiisan yoo ta’u, lammiileen Miliyoona 2.4 ol ta’an carraa barnoota bilisaa kanatti fayyadamuun beekumsaafi ogummaa AI, “Data Analysis fi Fundamental Programming” fi kanneen biroos argataniiru.
Dargaggootni leenjii kana fudhataniif biyya keessaafi alattis carraan hojii banamaa yoo jiraatu, kanneen hafanis leenjii kana fudhachuun, dorgommii addunyaan keessa jirtutti seenuuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu akka ta’e ibsamaa jira.
Mootummaan Itoophiyaas imala badhaadhinaa gama maraan eegalame mirkaneessuuf dameewwan hunda teekinooloojiin gahoomsuuf, Giddu gala AI’f xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa akka jiru hubatameera.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e