AMN PLUS- Amajjii 20, 2017
Itoophiyaan biyyoota Afriikaa 13 annisaa elektirikiin walitti hidhuuf hojjetaa jirti jedhan, Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee.
Pirezidaanti Taayyeen yaa’ii humna annisaa haareffamanii Taanzaaniyaatti ta’amaa jirurratti hirmaachuun, Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 13 annisaa elektirikiin walqunnamsiisuuf hojjetaa jirti jedhan.
Itoophiyaan kuufama annisaa haareffamanii qabaachuu ibsuun, imaammata annisaarratti karaa qindaa’een hojjetaa jirtis jedhan.
Haaluma kanaan yeroo ammaa annisaa haaromfamu biyyoota Jibuutii, Keeniyaafi Sudaanitti gurguraa jiraachuu himuun, Taanzaaniyaafis dhiyeessuufi jedhan.
Itti fufuunis biyyoota biroon kan geessu ta’uu, Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee yaa’ii humna annisaa kanarratti ibsaniiru.