AMN Plus- Onkoloolessa 07/2018
Dhaabbatni Maallaqaa Addunyaa IMF raaga guddina diinagdee bara 2025 fooyyesseen Itoophiyaan biyyoota Sahaaraa gadii keessaa guddina olaanaa akka galmeessitu hime.
Akka raaga kanaatti Itoophiyaan guddina %7.2 galmeessisti jechuun ibse.
IMF dhimma diinagdee Eeritiraa ilaalchisee raaga kennu waan hin qabneef bakka duwwaa kaa’ee darbeera.
Sudaan Kibbaa %24’n, Giiniin %7.2, Beeniin %7 akka galmeessan raagameera.
Itoophiyaan bara 2018tti guddina %9 galmeessisuuf karoorsuu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen torban darbe ifoomsuun ni yaadatama.