Daayirektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adihaanoom, Itoophiyaan Itoophiyaan dhibee Hemoraajik to’achuuf sochiin taasisaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu himan.
Ministeerri Fayyaa FDRI naannoo Kibba Itoophiyaa magaalaa Jinkaatti dhibeen ho’a garmalee Hemoraajik mudachuu ibsuun maloota ittisaa beeksisuun ni yaadatama.
Dr. Teediroos Adihaanoom miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Itoophiyaatti dhibeen namoota 9 irratti mul’achuufi biyyattiin maalummaa dhibee kanaa hatattamaan adda baasuu himan.

Dhibee kanaaf deebii hatattamaa Itoophiyaan kennite kan dinqisiifatamu ta’uu himuun Ministeerri Fayyaa, Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaafi Biiroon Fayyaa naannichaa yaalii taadisan dinqisiifataniiru.
Itoophiyaan weeraricha hatattamaan to’achuuf kutannoo qabdu agarsiisa jedhaniiru Dr. Teediroos Adihaanoom.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas dameelee qabuun dhibee kana ittisuufi namoota qabaman yaaluuf deeggarsa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin