Itoophiyaan Duudhaalee aadaa fi hawwata uumamaa qabdu biyyoota miseensa BRICS̕ ta’aniif beeksisuuf akka jirtu Ministeera Aadaa fi Ispoortii beeksiseera.
Itoophiyaan “Riqicha Aadaa Itoophiyaa,walitti hidhamiinsa Uummataa fi Ummataaf” jedhuun duudhaalee aadaa
duudhaalee aadaa Itoophiyaa aadaa, dandeettii aartii, fi oomishaalee kalaqaa fayyadamuun biyyoota miseensa BRICS ta’aniif karaa aartistoota naannoolee Ityoophiyaa adda addaa irraa dhufaniin dhiyeessuuf qophii eegaltee jirti.
Sochii dippilomaasii Itoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin taasiftu keessaa tokko dippilomaasii aadaa fi aartii waan ta’eef Ministeerri Aadaa fi Ispoortii dhimma kanarratti hojjechaa akka jiru beeksiseera.
Ministeerichi sagantaa kana dhiyeessuuf ʼShukura Productions̕ waliin waliigaltee mallatteessuu isaa ministeericharraa odeeffanne.