Gulaallii Waancaa Addunyaan tapha ramaddii 9ffaashee Giinii Bisawoo waliin kan taasiste Itoophiyaan goolii 1-0’n injifatte.
Tapha Ruwaandaa magaalaa Kiigaaliitti geggeeffame kana irratti Ramkel Jems daqiiqaa 27ffaarratti lakkoofsise.
Itoophiyaan ramaddii A keessaa taphoota 9 taasistee qabxii 9 qabachuun sadarkaa 5ffaarratti argamti.
Itoophiyaan tapha gulaalliishee isa xumuraa Burkiina Faasoo waliin Dilbata dhufu halkan sa’aatii 4:00tti morkatti.
Tagany Bafiqaaduutiin