Itoophiyaan misooma ogummaan boqonnaa gootummaa 2ffaa eegaluu Ministirri hojii fi ogummaa Aadde Mufariyaat kamil ibsan.
Dorgommiin biyyoolessa 4ffaan Itiyo Kilot mata duree “Sammuu cimaan lammiilee Kalaqaan gahooman” jedhuun Ebla 27 hanga Caamsaa 2/2017tti gaggeeffama.
Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat saganticha ilaalchisuun har’a miidiyaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin dorgommiin ogummaa biyyaalessaa Itiyoo kilot, qulqullina leenjii mirkaneessuuf wagga lama lamaan kan gaggeefamu ta’uu ibsaniiru.
Sagantichi dorgommii naannoolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaatti gaggeeffamaa kan turee fi dargaggoonni mo’atan kan irratti hirmaatan dorgommii ogummaa fi teekinooloojii ta’uu ibsaniiru.
Dorgommiin ogummaa teekinooloojii fedhii Itoophiyaa waliin wal simatuu fi fedhii gabaa waliin walitti hidhaminsa kan qabanii fi rakkoo furan irratti kan xiyyeeffatan ta’uu eeraniiru.
Dorgommichi akaakuu 22n kan gaggeeffamu ta’uu fi turizimii dadammaqsuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.
Sagantichi Itoophiyaan kutaa hawaasaa addunyaa waliin dorgomaa akka ishee taassisu himuun, dorgommicha irratti teekinoolojiiwwan haaraan 70 daawwannaaf ni dhihaata jedhaniiru.
Kaayyoon dorgommichaa teekinoloojiiwwan foyya’oo uumuun gabaaf dhiheessuu ta’uu ibsaniiru.
Bara bajataa 2016tti teekinoloojiiwwan 81 omishuu fi bara baajataa kanatti immoo hirmaattonni 180 teekinoloojii 99 omishuun adeemsa irra jiraachuu ibsaniiru.
Itoophiyaan gootummaa boqonnaa 2ffaa eegalteetti kan jedhan ministiritiin, dorgommiin Ogummaa kun badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kaasuu isaanii TOI irraa odeeffanne.