Itoophiyaan Naannawa Daldala Bilisaa irraa biyyoota sadarkaa duraatti fayyadamoo ta’an 10 keessaa tokko taati- Qorataa

You are currently viewing Itoophiyaan Naannawa Daldala Bilisaa irraa biyyoota sadarkaa duraatti fayyadamoo ta’an 10 keessaa tokko taati- Qorataa

AMN PLUS – Fulbaana 30/2018

Waliigaltee Naannoo Daldala Bilisaa Afrikaa (AfCFTA) irraa Itoophiyaan biyyoota sadarkaa duraatti fayyadamoo ta’an 10 keessaa tokko akka taatu dandeessisa jedhan Qorataan Institiyuutii Qorannoo Tarsiimoofi Miseensi Teekinikaa Biyyaalessaa Naannoo Daldala Bilisaa Afrikaa Abbabaa Ambaachoo (PhD).

Gamtaan Afrikaa Bitootessa bara 2010 Yaa’ii Ruwaandaa Kigaaliitti taasiseen Waliigalteen Naannoo Daldala Bilisaa Afrikaa kan ifoomse yoo ta’u, daldala Afrikaanotni waliin taasisan gara dhibbantaa 60tti guddisuun gabaa doolara Tiriliyoona 3.4 akka uumu himameera.

Waliigalteen kun Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti aanee isa guddaa ta’ee galmaa’eera. Eertiraan ala biyyootni Afrikaa 54nuu miseensa dhaabbata kanaa yoo ta’an, meeshaawwan galan irra taarifa harka 97 fi isaa ol hambsiuuf karoorfateera.

Biyyootni Afrikaa hariiroo daldalaa laafaa ta’e qaban oomisha isaanii keessaa harka 15 qofa walitti daldaluun, harka 80 ammoo gara ardiilee birootti erguun isaanii hubatameera.

Qorataan Institiyuutii Qorannoo Tarsiimoofi miseensi Teekinikaa Biyyaalessaa Naannoo Daldala Bilisaa Afrikaa Abbabaa Ambaachoo (PhD), biyyootni Afrikaa walitti hidhamiinsa daldalaafi diinagdee walii isaanii cimsuu akka qaban dubbataniiru.

Haaluma kanaanis ALAtti bara 2034tti hariiroo daldala isaaniin bittaafi gurgurtaan doolaara Tiriliyoona 3.4 ta’u akka adeemsifamu karoorfamuun isaa ibsameera.

Hammantaan oomisha waggaa tokkoo doolaara biliyoona 3.4 yoo ta’u, kanneen bittaa gaggeessan Biliyoona 1.2 of keessaa qabaata jedhameera.

Bara 2035tti ammoo daldalli alaa gara harka 29tti yoo guddatu, daldalli alaa ardichaa ammoo gara harka 85tti akka guddatu eegama. Afrikaanis waliigaltee kana hojiitti jijjiiruun akka daran fayyadamtu ibsaniiru.

Meeshaawwan dheedhiifi albuuda qofaa erguu keessaa ba’uun indastirii babal’isuun cehumsa diinagdee fiduuf illee Afrikaaf akka karaa saaqu kaasaniiru.

Afrikaan yoo Daldala Naannoo Bilisaa kana hojiitti galchite oomisha waliigalaa Tiriliyoona 1.4 akka argattu qorataan kun eeranii, biyyoota sadarkaa duraatti fayyadamoo ta’an 10 keessaa Itoophiyaan ishee tokko akka taatu ibsaniiru.

Waliigalteen kun qaama Pirojektoota Ajandaa 2063 keessaa tokko yoo ta’u, akkaataa Baankiin Addunyaa kaa’een yoo guutummaatti hojiirra oole lammiilee Afrikaa Miliyoona 30 hiyyummaa hamaa keessaa baasa. Akkasumas kanneen miliyoona 70 ta’an ammoo hiyyummaa giddu galeessaa keessaa ni baasa jedhamee eegama.

Yittaayyaal Axinaafuutu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply