
AMN- Sadaasa 20/2017
Itoophiyaan Riifoormii diinagdee goorootiin ji’oota muraasa keessatti milkaa’ina ajaa’ibaa galmeessisaa akka jirtu argaa jirra jedhan Itoophiyaatti Itti aanaa Hogganaa Miisiyoona Deenmaark Seebaastiyan Luukaas Baach.
Hariiroon Itoophiyaa fi Deenmaark yeroo dheeraaf akka turee fi kuniis gama misoomaatii fi dameewwan tumsa adda addaatiinis cimee kan itti fufaa jiru ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas jijjiirama qilleensaa ittisuu fi dinagdee cimaa jijjiirama qilleensaa damdamatu ijaaruuf waliin hojjechaa jiru.
Biyyoonnni lameen, dhimmoota hedduu irratti tumsaan waliin hojjechaa akka jiran eeruun damee qonnaa fi inarjii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Riifoormii diinagdee hordofuun guddinni diinagdee waliigalaa Itoophiyaan galmeessisaa jirtu dinqisiisaa fi fakkeenyummaa kan qabu ta’uu Seebaastiyan Luukaas Baach kan ibsan ta’uu TOI’tu gabaase.