Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Hogganaan Wiirtuu Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii fi Pirezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Itoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay fi Waamamaa Gamtaa Afrikaa Aleeksiis Laameek waliin mari’ataniiru.
Hariiroon biyyoottan lamaanii tumsa tarsiimoo haala teessuma lafaa, bu’uuraalee misoomaa, wal jijjiirraa aadaafi misooma dhaabbileen jabaachaa dhufuun eerameera.
Yeroo dhiyoo asitti hariiroo cimaa Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadii fi Pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon gidduu jiruun hariiroon Itoophiyaafi Faransaay sadarkaa olaanaarra gahuun ibsameera.
Faransaay riifoormii Itoophiyaan eegumsa hambaalee, innisheetiiviiwwan bulchiinsa gaarii, adeemsa diimookiraasii, fooyya’iinsa teeknooloojii, ijaarsa dhaabbileefi adeemsa tokkummaa biyyaalessaa cimsuu deeggaraa akka jirtus eerameera.
Obbo Adam Faaraah gama isaaniin, hoggansa Paartii Badhaadhinaan dameewwan siyaasaa, hawaasummaa, diinagdeefi dippiloomaasiin milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru jedhan.
Riifoormii dhaabbileef xiyyeeffannoon kennamuus kaasanii, akka fakkeenyaatti Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dandeettii isaa cimsuun filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa adeemsisuuf gahumsa qabaachuu dubbataniiru.
Komishiniin Marii Biyyaalessaas wal dhabdeewwan furuufi tokkummaa biyyaalessaa dhugoomsuuf marii biyyaalessaa hunda hammataa ta’e gaggeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Laameek gama isaaniin, hoggansa Paartii Badhaadhinaan jijjiirama Itoophiyaatti galmaa’aa jiru dinqisiifatanii,Keessumaa jijjiiramoonni magaalaa Finfinneetti baatiiwwan 18 darban keessatti mul’atan adda ta’uu himaniiru.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti ce’umsa olaanaa adeemsisaa jiraachuu kaasanii, kanaaf ammoo riifoormiin siyaasaa Paartii Badhaadhinaa, fooyya’iinsi diinagdeefi hirmaannaa isheen waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti taasisaa jirtu gahee olaanaa bahachuu dubbachuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’isa.