Itoophiyaan Yaa’ii COP 32 akka keessumeessituuf filatamuu isheen UAE’n ergaa baga gammaddanii dabarsite

You are currently viewing Itoophiyaan Yaa’ii COP 32 akka keessumeessituuf filatamuu isheen UAE’n ergaa baga gammaddanii dabarsite

AMN PLUS- Sadaasa 9/2018

Itoophiyaa fi Gamtaan Eemireetota Arabaa hariiroo isaanii daran cimsani itti fufuuf waliigalaniiru.

Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Haadaraa Abarraa, Itoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Eemireetota Arabaa (UAE) Mohaammad Saalem Al-Rashidii har’a ganama waajjira isaaniitti simachuun haala itti hariiroo biyyoota lamaanii daran cimsan irratti mari’ataniiru.

Dhimmoota waloof dursa kennuun dhimmoota idil addunyaa biroo irratti illee akka hojjatan yoo mar’iatan, biyyootni michuu baroota dheeraa lamaan dameewwan akka cehemsa dijitaalaa, diinagdee magariisaa, barnootaafi dhimmoota biroo irratti illee akka waliin hojjachuu itti fufan beeksisaniiru.

Ambaasaaddar Mohaammad, wayituma kana Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii COP32 ALAtti bara 2027 adeemsifamu keessummeessuuf filatamuu ishee ilaalchisee ergaa “baga gammadan” jedhu dabarsaniiru.

Mootummmaan UAE hariiroo Itoophiyaa waliin qabu daran cimsee itti akka itti fufu illee ibsuu isaanii odeeffannoon Ministira Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply