Ministeerri Karooraa fi Misoomaa walgahii jijjiirama qilleensaa afrikaa 2ffaa magaalaa finfinneetti qopheessuuf miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan Ministirri Ministeera Karooraafi Misoomaa Fitsum Assaffaa (Dr.) ibsa laataniin Itoophiyaan yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaa qopheessuuf qophii xumuruu ibsaniiru.
Fitsum (Dr.) ibsichaan Walgahiin kun Qaammee 3- 5 bara 2017tti Magaalaa Finfinneetti kan taa’amu tahuu kan eeran yommuu tahu, yaa’ichaas Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa waliin tahuun kan qopheessan tahuu ifoomsaniiru.
Yaa’iin diinagdee Afrikaa qonnaan duurfamuuf gahee murteessaa kan qabuufi badhaadhina waaraa Afrikaa sadarkaa addunyaatti dorgomaa tahe uumuuf jijjiirama qilleensaa waloon too’achuun murteessaa tahuu ibsaniiru.
Biyyoonni Afrikaa tokkummaan miidhaa jijjiiramni qilleensaa fidaa jiru waliin dhaabbachuun ofirraa ittisuuf hojjachuu akka qaban Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Fitsum (Dr.) himaniiru.
Mancaatii Bosonaa ittisuufi mukkeen manca’an iddootti deebisanii dhaabuun kutannoon hojjachuun murteessaa tahuu ibsaniiru.
Gama kanaan Itoophiyaan tarsimoo misooma magariisaa hordofaa turteen waggoottan muraasa keessatti biqiloota biliyoonaa 40 ol dhaabuun miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu qolachuuf gaheeshee bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Gamtaa Afrikaa bakka bu’uun ergaa kan dabarsan, Komishinarri Qonnaa, Misooma waaraa Baadiyyaa Mooses Vilaakaatii Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa to’achuuf sochiin gochaa jirtu kan dinqisiifatamu tahuu ibsaniiru.
Yaa’ii kanaan marii taasifamuun bu’aan abdachiisaan akka argamu himuun, Itoophiyaan yaa’icha qopheessuu isheef galateeffataniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.