Itoophiyaatti aangoon karaa nagaa qofaan qabatama – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Itoophiyaatti aangoon karaa nagaa qofaan qabatama – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS-Onkoloolessa 18/2018

‎Itoophiyaatti ce’umsa aangoo karaa nagaa qofaatu barbaachisa jechuun Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.

‎Dhimma nageenyaa irratti miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kaasaniif deebii kennaa jiraniin, nageenyaafi tasgabbiin Itoophiyaaf murteessaa ta’uu kaasan .

Qaamolee gama nagaan mootummaa wajjin mari’achuuf fedhii qaban hunda waliin dubbachuuf mootummaan guyyuu qophaa’aa ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee, humnaan aangoon waan hin argamneef, aangoon gama nagaan qofa cehuu qabaachuu hubachiisaniiru.

‎Mootummaan Itoophiyaa dhimma nagaa irratti mari’achuun muuxannoo qabaachuu kan kaasan Ministirri Muummee, qaamolee ammallee meeshaa waraanaa akka filannootti ilaalan keessaa galanii kanneen aangoon kennameefii hojii mootummaa hojjataa jiran eeruun, qaamoleen hafanis gama nagaan galuun, nageenya uummataa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply