‎Itoophiyaatti balaan konkolaataa % 70 hanqina gahumsaa fi of eeggannoo dhabuu konkolaachiftootaatiin mudata- Alamuu Simee (PhD)

You are currently viewing ‎Itoophiyaatti balaan konkolaataa % 70 hanqina gahumsaa fi of eeggannoo dhabuu konkolaachiftootaatiin mudata- Alamuu Simee (PhD)

‎AMN PLUS-Sadaasa 12/2018

‎Nageenya daandii mirkaneessuu fi balaa tiraafikaa ittisuuf qaamoleen hundinuu tumsa taasisuu akka qaban Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Alamuu Simee (PhD) ibsan.

‎Duula hubannoo nageenyaa uumuu Magaalaa Hosaa’inaatti taasifame irratti kan hirmaatan Alamuu Simee (PhD), balaan tiraafikaa miidhaa guddaa lubbuu namaafi qabeenyaa irraan gahaa akka jiru kaasaniiru.

‎Itoophiyaatti balaan konkolaataa % 70 hanqina gahumsaa fi of eeggannoo dhabuu konkolaachiftootaatiin kan uumamu ta’uu ibsuun, qaamni hunduu waliin hirmaatee ittisuun akka barbaachisus cimsanii dubbataniiru.

‎Balaa tiraafikaa fi nageenya daandii irratti hubannoo uumuuf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjstamaa akka jirus ibsaniiru.

‎Keessattuu hojiin hubannoo uumuu kun dhaabbilee tajaajila geejjibaa uummataa fi konkolaachiftoota konkolaattota gurguddaa irratti cimee itti fufuu akka qabus akeekaniiru.

‎Mootummaanis hojimaata seeraa ogummaa konkolaachistootaaf hayyamu hojiirra oolchuun lubbuu namootaafi qabeenyaa balaa irraa baraaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsuun isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply