AMN PLUS- Guraandhala 11/2017
Ityoophiyaan wabii nyaata of danda’uuf tattaaffii cimaa keessa akka jirtu Waajjirri Muummee Ministeera guyyaa har’aa ibsa baaseen mul’iseera.
Addunyaa yeroo baay’ee Afrikaan yeroo hunda gargaarsa irratti hirkattee akka jirtutti agarsiisu kan jedhe ibsichi Itoophiyaan tarkaanfii murteessaa fudhateen amma gara wabii nyaatan of danda’uu seenaa taasisuuf kutannoon hojjechaa jirti.
Waajjirichi ibsaa isaa keessatti, waggoota jahan darbanitti mootummaan Itoophiyaa imaammata oomishtummaa qonnaa guddisuu hojiirra oolchuun, wabii nyaataa galmaan gahuu qofa osoo hin taane yeroo dheeraaf hirkattumaarra bilisa taasisuuf kan kaayyeffate akka ta’e himeera.
Tattaaffiin kun Itoophiyaan hirkattummaa irraa bilisa baatee misooma itti fufiinsa qabu ijaaruuf kutannoo qabdu kan calaqqisiisudha.


