Jaappaan Ministira Muummee Dubartii jalqabaa filate

You are currently viewing Jaappaan Ministira Muummee Dubartii jalqabaa filate

AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018

Saanaa’ee Taakaayichii Jaappaanitti Ministira Muummee ta’uun filamuun dubartii jalqabaa seenaa kataban ta’an.

Saanaa’ee Taakaayichii Mana Maree gad-jallaa jedhamu keessatti sagalee 465 keessaa 237 argachuun, Mana Maree gararraa keessaa ammoo sagalee 125 argachuun Ministira Muummittii Jaappaan 104ffaa ta’uun filatamanii jiru.

Paartii Diimookiraasii Liberaalii (LDP) jedhamu bakka bu’uun dubartiin dorgoman Saanaa’ee paarlaamaaf sagalee barbaachisu 233 ol sagalee caalmaa argatachuun imala Jaappaaniin gaggeessuu eegalaniiru.

Morkataa isaanii Yoshihidoo Noodaa inijifachuu kan danda’an yo ta’u, miseensota kaabinee isaanii yeroo gabaabaa keessatti beeksisu jedhamee eegama.

Ministirri Muummee Duraanii Shigeruu Ishibaa fi kaabineen isaanii har’a aangoo kan gadhiisan yoo ta’u, Saanaa’een ammoo akka simataman Anadolu fi BBC’n gabaasaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply