Jarmaniin meeshaa waraanaa Israa’eliif dhiheessitu akka dhaabdu beeksiste

You are currently viewing Jarmaniin meeshaa waraanaa Israa’eliif dhiheessitu akka dhaabdu beeksiste

‎AMN PLUS- Hagayya 02/2017

‎Jarmaniin meeshaalee waraanaa gara Israa’elitti ergitu duula Gaazaatti fayyadamuu dandeessi waan taheef akka dhaabuuf jirtu Chaansilarri biyyattii Fireediriik Merz beeksisaniiru.

‎Chaansilar Merz kana kan ibsan karoora Israa’el Magaalaa Gaazaa to’achuuf qabdu raggaasisuushee hordofeeti jedhameera.

‎Yeroo muraasa dura ibsa kan kennan Merz hanga ibsi biraa kennamutti mootummaan isaanii meeshaalee waraanaa Israa’el Gaazaatti fayyadamuu dandeessu gara Israa’elitti erguuf akka hin raggaasifne dubbataniiru.

‎Merz karoorri waraanaa Israa’el kaayyoo seera qabeessa galmaan ga’uuf akkamitti akka gargaaru hubachuun daran rakkisaadha jechuun, haala kana keessatti mootummaan Jarmanii meeshaalee waraanaa Gaazaa keessatti fayyadamuu danda’an kamiyyuu hanga ibsi biraa kennamutti akka ergamuuf eyyema akkan kennine beeksisaniiru.

‎Seenaa keessatti Jarmaniin biyyoota Israa’eliif meeshaa waraanaa dhiyeessan keessaa ishee adda duree turte.

‎Dhaabbatni qorannoo walitti bu’iinsaafi meeshaa waraanaarratti fuuleffatu, Institiyuutii Qorannoo Nagaa idil-addunyaa Istookhoolm jedhamu akka ibsetti, bara faranjootaa 2020 hamma 2024 gidduutti Ameerikaan Israa’eliif sadarkaa jalqabaatti kan meeshaa waraanaa dhiyeessite yoo tahu, Jarmaniin ammoo 2ffaa tahuun Ameerikaatti itti aanti.

‎Madda: BBC

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply