Jeremii Firimpong miidhama torbeewwanif dirree irra isa fageessu keessummeesse

You are currently viewing Jeremii Firimpong miidhama torbeewwanif dirree irra isa fageessu keessummeesse

AMN PLUS – Hagayya 15/2017

Taphataan sarara ittisa mirgaa Netherlaandii fi Liiverpuul Jeremii Firimpoong taphaa Piriimer Liigii torbee jalqabaa Liiverpuul Boornimaawoziin taphate irratti miidhama maashaa keessummeesseera.

Miidhama kanaa hordofee Firimpoong torbaanotaaf dirree irraa akka fagaatu leenjisaan Liiverpuul Arne Silot ibsan.

Taphatichi waqtii boqonna, gareewwan biyyaleessa taphatan booda akka gara dirreetti akka deebi’u Arne Silot beeksisan.

Jeremin Firiimpoong jijjiirraa ganna kanaan Baayer Liverkusanirraa Liiverpuuliif mallateessun isaa ni yaadatama.

Kadijjaa Ifaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply