Jilli Biskileettii Biyyaalessaa gara Kigaaliitti imale maal jedhe?

You are currently viewing Jilli Biskileettii Biyyaalessaa gara Kigaaliitti imale maal jedhe?

‎AMN PLUS- Fulbaana 11/2018

‎Jilli Biskileettii Biyyaalessaa Itooophiyaa Dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa Ruwaandaa Kigaaliitti adeemsifamu irratti hirmaachuuf gara sanatti Imaluu isaa Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise.

‎Dorgommii Shaampiyoonaa baranaa irratti biyyootni 100 yoo hirmaatan hawwiidhaanis kan eegamu ta’uu ministeerichi ibseera.

‎Dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa yeroo jalqabaaf Afrikaa keessatti adeemsifamu kun Fulbaana 21 hamma Fulbaana 28’tti akka turu himameera.

‎Dorgommii Biskileettii Addunyaa irratti hirmaannaan Itoophiyaa dabalaa dhufuu kan ibse ministeerichi atileetota, leenjitoota, makaanikootaafi gaggeessitootni Federeeshinii Biskileettii Itoophiyaa milkiin deebi’uuf akka hojjatan hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply