AMN- Mudde 02/2017
Komaandar Girmaa Dhaabaa Ejjetaa kaadhimamaa pireezidaantii federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa tahuun dhiyaachuun himameera.
Qajeelcha olaanaa tajaajila fayyaa poolisii Federaalaatti hoogganaa qajeelcha deeggarsa humna namaa kan tahan Komaandar Girmaa Dhaabaa kaadhimamaa pireezidaantii federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa tahuun dhiyaataniiru.
Poolisiifi Ispoortiin saantima tokko fuula lama qabu jechuun kan ibsan komaandarichi shaambal atileet Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Mirutsi Yifxaar, Hayilee G/Sillaasee hanga Solomoon Baaraggaa akkasumas koorniyaa dhalaan Birhaanee Adaree, Geexee Waamiifi warreen biroo dabalatee seenaan durduubee isaanii hojii poolisummaa irraa eegale.
Komaandar Girmaa Dhaabaa Ejjetaa Damee Ispoortiin Ashaaraan qaban maali?
Dorgommii naannoofi irratti hirmaachuun bu’aa barbaadamu galmeessaniiru.
Leenjii gahaa biyya keessaafi alaa argataniin kilabii ispoortii Oomeedillaafi kanneen biroo leenjisuun dirqama biyyummaa bahataniiru.
Beekamtii leenjiin dabaalame biyya keessaafi alaa argataniin abbaa seeraa ispoortii atileetiksii tahuun tajaajilaniiru.
Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii naannoo Kibba Itoophiyaa tahuun hojjetaniiru.
Yeroo ammaa hiriyyoota isaanii waliin Godina Gofaa magaalaa Sahulaatti
piroojektii guddattoota ispoortii atileetiksii giddugaleessa taasifate hundeessuun hojjechaa jiru.
Kilabii ispoortii Poolisii Kibbaa hundeessurraa hanga gaggeessummaatti hojii bu’a qabeessa hojjetaniin atileetotni faajjii biyyaa addunyaarratti mirmirsan kanneen akka atileet Solomoon Baaraggaa, Xilaahun Taaddalee, Taaddasaa Warquufi warreen biroo bu’aa dadhabbii komaandar Girmaa Dhaabaa Ejjetaati.
Komaandar Girmaa Dhaabaa Ejjetaa Carraa Pireezidaantummaan Federeeshinii Atileetiksii Gaggeessuu Osoo Argatanii Maal Fiduuf Kaayyeffatan?
Atileetiksii Itoophiyaan ittiin beekamtu erga bara 2016 as olompikii Riyoo Diijineeroo irraa eegale qabxii argachuu dhabne nan deebisaa jedhu.
Guddattoota irratti hojjechuun atileetota boriif wabii biyyaa tahan horachuuf ammayyuu eegaleera naannolee hundatti babal’isuun cimseen itti fufaas kaasu.
Fiigichaan alatti ispoortii darbannaafi utaalcha naannolee biyyatti hundatti hundeessuun guddattootaaf carraa nan kennaas jedhu.
Akka qaama tokkotti socho’uun damee ispoortii atileetiksii komiirraa walaba tahe uumuun gootummaa dirree atileetiksii Itoophiyaan duraan qabdu deebisuuf kutannoon nan hojjedhaas ibsaniiru.
Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa rakkoo faayinaansiin wal qabatee komii ka’u hambisuun galiin of-danda’ee akka itti fufu nan taasisaas eeraniiru.
Ispoorteessitoota atileetiksiifi guddattoota piroojektiin haammataman jiraniif haala mijataa keessattu bakka shaakalaafi hidhannoon guutuun akka dhiyaatuf taasisuun dameen atileetiksii filannoo jalqabaa hawaasa ispoortiifi ispoorteessitootaa akka tahu taasisuuf gara boodaatti hinjedhuunis yaada komaandarri Girmaa kaadhimamaa pireezidaantii federeeshinii atileetiksii Itoophiyaati.
Yeroo garaagaraa filannoo atileetotaa irratti komii kahu hambisuun iftoominaan hojjechuun hojii kootis jedhaniiru.
Dhumarratti naamusa hojii poolisummaafi ispoortiin argatan walitti ida’uun hojii iftoominaafi qulqullina qabu, lammiilee biyyatti giddugaleessa taasifate muuxannoo biyya keessaafi alaa leenjiin dabaalame hojiitti hiikuun damee atileetiksii Itoophiyaa sadarkaa fooyya’aatti nan ceesisa jechuu kaadhimamaa pireezidaantii federeeshinii atileetiksii komaandar Girmaa Dhaabaa Ejjetaa ragaan fuula marsaritii poolisii federaalaa irraa argame ni mul’isa.
Filannoon pireezidaantummaa federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa Muddee 12 fi 13/17 akka gaggeeffamu sagantaan bahee turuun ni yaadatama
Iddoosaa Abdiitiin