Jilli Komishiinii Marii Biyyaalessa Itoophiyaa Afrikaa kibbaatti argamee caasaa diyaaspooraa waliin marii adeemsiseera.
Jilli komishiinichaa ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuuf gara Afrikaa Kibbaatti kan imale yoo ta’u , Itoophiyaanootaafi dhalattoota Itoophiyaa naannoo kan jiraatan waliin mari’achuuf guyyaa kaleessaa hoggantoota caasaalee diyaaspooraafi hawaasa Itoophiyaa waliin marii’achuu Komishiinii Marii Biyyaalessatti Qindeessan Naannoofi Bulchinsoota Magaalaa Obbo Rattaa Geeraa AMN Dijiitaalitiif ibsaniiru.
Jilli kun sagantaa marii jalaqabaa kaleessa Imbaasii Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti argamuutti Ambaasaaddar Daliiliifi hojjettoota Imbaasii waliin adeemsisuu ibsaniiru.