Qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuuf hojii misooma Sululaa milkeessuun furmaata waaraadha- Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

You are currently viewing Qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuuf hojii misooma Sululaa milkeessuun furmaata waaraadha- Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

AMN- Amajjii 14/2017

Qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuuf hojii misooma Sululaa milkeessuun furmaata waaraadha ta’uu Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa baaseen beeksissera.

Qormaatni jijjiirama qilleensaa addunyaa kana mudachaa jiru, jiruufi jireenya ilma namaa gaaffii keessa galchaa jira. Madaallin uumamaa jeeqamuu isaatiin qormaataawwan mudatanis too’annoo ilma namaatiin ala ta’uun addunyaan keenya gaaga’ama hamaaf akka saaxilamtu taasiseera.

Libsuu ijaatiin taateewwan baramaa hin taane mudachaa jiraniin biyyootni dinagdeen badhaadhanii fi teeknoloojiin kan fagaatan yoo ta’anillee qolachuu akka hin dandeenye argaa jirra. Taateen baramoo hin taane kunneen ilma namaaf yaaddoo hamaa ta’uu isaa ibsi Kominikeeshinicha ni addeessa.

Kanaaf falli madaala uumamaaf xiyyeeffannoo kennuun itti fufiinsaan tiksuu qofaadha. Biyyootni , dhaabbileefi namoonnis ofiif jecha dammaquun dhuunfaan, gareefi akka biyyaatti madaala uumamaa iddootti deebisuuf tarkaanfii irraa eegamu fudhachuun ajandaa boruuf bulfamuu hin qabnedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoowwan jijjiirama qilleensaan mudachuu malan qolachuuf tarkaanfii haaraa sagantaa Ashaaraa magaariisaa Looreetii Nagaa Addunyaa fi Muummicha Ministeraa keenya Dr Abiyyi Ahmadiin maddisiifame hojiirra oolchuun Bona hojii Fizikaalaafi Ganna hojii dhaabbii biqilaa Ashaaraa Magariisaa gaggeeffameen injifannoon fakkeenyummaa qabu galmaa’uu danda’eera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin galmoota akka Addunyaatti madaala uumamaa tiksuuf kaa’aman dursinee kan eegalle qofa osoo hin taane fakkeenyummaa olaanaa mul’isuun sadarkaa Idil Addunyaatti beekamtiifi badhaasa biyyaafi hoggansa keenya gonfachiiseera.

Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa; icciitiin qormaatota qolachaa injifannoo rogdaneessa galmeessaa jirruuf hoggansa olaanaa bifa tarsiima’aan haala Addunyaa beekee yaade karoorsu, waadaas gochaan dhugoomsuufi uummata akka raajiitti hojjetee milkeessu qabaachuu keenyadha.

Uummata keenya waamicha mootummaan isaa taasise fudhachuun hojii misooma sululaa irratti hirmaachuun qabatamaan mirkaneessee biyyaafi biyyoo biyya abbaa isaatti ulfina guutuu deebisaa jiruuf mootummaan Naannoo Oromiyaa dinqisiifannaa olaanaa qaba.

Kana malees, hoggansa, ogeessotaafi qooda fudhattoota milkaa’ina hojii misooma suluulaatiif humnaafi beekumsa isaanii osoo hin qusatin tumsaniif galata guddaatu mala.

Waggoota Ja’an darbe keessa Baddaa, Badda Dareefi Gammoojjiiwwan Oromiyaa keessatti lafa hektaara miliyoona hedduu misoomsuun dandaa’ameera. Waktii Bonaa hojiiwwan fiizikaalaa adda addaa hojjetamaa dhufeefi Gannas sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiloota dhaabamaa dhufaniin roobni akka lafa seenu taasifameera. Kanaanis Gaaronni mancaatiin hubamanii turan misoomuun  dachaawwan goganii turanis mirgisuun bishaan kennuu eegalaniiru. Dhiqamni biyyoos hir’atee oomishaafi oomishtummaan keenya dabaluu eegaleera. Uwwisni bosona Oromiyaa bara 2011 % 17 irra ture hanga bara 2016tti % 26.7 irraan ga’uun danda’amee jira.

Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa:

Boqonnaan hojii kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa duula xiiqiitiin gaggeessaa jirru kun kan harka keenyaan mancaafne harkuma keenyaan yeroo itti deebisaa jirruufi Oromiyaa jiituu ijaaruun ergama dinagdee magariisaa milkeessuuf bobbaanee hojiirra jiraachuu hunduu hubachuu qaba. Galmi isaas madaala uumamaa jeeqame sirreessuun Addunyaa jireenya ilma namaaf mijaawaa taate ijaaruudha.

Hojiiwwan misooma sululaa waggoottan Ja’an darbe hojjetamaa dhufeen harki Ashaaraa dhalootaaf darbu hojjetee Addunyaa raajeffachiise injifannoo biraa dalaguun seenaa haaraa akka galmeessu shakkiin hin jiru.

Hojii misooma sululaa bara 2017tiin sululoota, daagaawwan gosa adda addaa, istiraakcheroota jiidhina qusataniifi kanneen jiidha yaasan kan hojjetaman yoo ta’u lafa mancaatiif saaxilame tuttuqaa namaaf beeladaa irraa bilisa taasisuu, hallayyaa hidhuu, daagaawwan suphuufi hojiiwwan biroo dhimmoota ogummaan dabaalamanii xiyyeeffannoon hojjetamanidha.

Hojiiwwan misooma sululaa waqtii Bonaa hojjetamu kana keessatti sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa waggaa 3ffaatiin biqiloota biliyoona 5 ol dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Biqiloota faayidaa damdaneessummaa qabaniifi wabii nyaataa mirkaneessuuf oolaniifis xiyyeeffannoo addaa kennuun kan hojjetamu ta’a.

Hojichi beekumsaafi hubannoon hogganamee seeraafi sirna Gadaa hordofuun qe’ee qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota keenyaatti duulaan hojjechuu irraa gara aadeffannaatti ceesisuuf mootummaan kutannoon hojjeta.

Uummanni keenya Kaabaa hanga Kibbaa Bahaa hanga Lixaatti hojii misooma sululaa duula xiiqii Amajjii 15\2017 labsamu keessatti qooda fudhachuun Oromiyaa akka misoomsitan waamicha dhiyeessaa qabeenya uumamaa eeguu, kunuunsuufi sirnaan itti fayyadamuun dirqama dhaloota har’aa ta’uu hunduu hubachuu qaba.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply