Jilli Oromoo milkiin xumurameera – Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

You are currently viewing Jilli Oromoo milkiin xumurameera – Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

AMN PLUS- Fulbaana 25/ 2018

Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa fi Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Harsadee har’a kabajame ilaalchisee Miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Irreechi bara kanaa akkaataa duudhaalee Irreechaa eegeen milkiin xumuramuu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan ibsan.

Jilli guddaan Oromoo har’a Hora Harsadeetti gaggeeffamee milkiin xumurame jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan.

Sabaa fi sablammoota biyyattii hirmaachisuun haala miidhagaa fi hawwataa ta’een kabajamuu eeran.

Irreechi aadaa waanta’eef uummanni Oromoo amantaan, siyaasaa fi kutaan osoo wal hin qoodiin tokkummaan kabajan jechuun ibsan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply