Jilli Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen durfamu yaa’ii waliigalaa 80ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti hirmaachaa jira.
Yaa’iin waliigalaa 80ffaan UN Ameerikaa Niwu Yoorkitti adeemsifamaa jira.
Yaa’ichi mata duree ‘Tasgabbiin Waloomaan’ jedhuun kan adeemsifamu yoo ta’u yaa’ichaan alatti waltajjiiwwan waloo dhimmoota faayidaa biyyaaleessaa Itiyoophiyaa kabachiisan akka adeemsifaman odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa arganne ni agarsiisa.