AMN PLUS- Amajjii 23/2017
Paartiin Badhaadhinaa lamiilee Itoophiyaa hundaa garaagarummaa malee kan hammatee fi Paartii Sab-danneesa dhugaa ta’uu isaa Sadarkaa Itti Aanaa Muummee Ministiraatti, Itti Aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaa Qindeessaa Ijaarsa Dimokiraasii Obbo Adam Faaraah dubbatan.
Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii idilee 2ffaa mata duree “waadaa hanga aadaa “ jeduun guyya hara’aa Yaadannoo Injifannoo Adawwatti geggeessuu eegaleera.
Baninsa Yaa’ii idilee kana haasa’an kan banan Itti Aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Paartiin Badhaadhinaa madaallii walqixxumaa fi seeneffama waloo irratti hundaa’uun siyaasa Itoophiyaa wal faallessuu kan walitti araarsu fi boqonnaa haaraa banuu isaa dubbataniiru.