Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walgahii idilee 11ffaa waggaa 4ffaa har’a taa’een dhimmoota garagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Haaluma kanaan
1ffaa. Kaabineen magaalichaa Wixinee dambii Tajaajila Mootummaa Dijitaala Giddu gala tokkoo Addis Masoob hundeessuuf baherratti mari’achuun raggaaseera
2ffaa. Wixinee dambii sirna kaffaltii tajaajila barnoota dhuunfaa Bulchiinsa Magaalichaa raggaaseera
3ffaa . Gaaffii ramaddii iddoo pirojektiiwwan faayidaa biyyaalessaa qaban ilaalchisuun yaada Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Magaalichaan dhihaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda yaada murtoo dhihaateef raggaasuusaa Waajjira Kantiibaarraa odeeffanne.