Kaabineen magaalaa Finfinnee walgahii Idilee 1ffaa bara hojii 5ffaa taa’een ajandaalee garagaraa 4 irratti mari’achuun murtoowwan dabarse.
Haaluma kanaan :-
1ffaa Qorannoo Hojiirra oolmaa bal’ina bakka of danda’ee misoomuufi fuulduree manneenii misoomu irratti mari’atee, faayidaa guddina magaalichaa ilaalcha keessa galchuun qorannoon dhiyaate hojiirra akka ooluuf murtoo dabarseera.
2ffaa Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Bu’uuraalee misooma kooridariin misoomanii hundeessuuf wixinee dambii dhiyaate irratti gahee bulchuu, tajaajila kennuu, qindeessuufi gurmeessuu akka qabaatitti akka hundaa’u murteesseera.
3ffaa Bulchiinsi Lafa Magaalaa Finfinnee qaamni ilaallatu osoo hin eeyyamin yaada yeroo kenna tajaajilaa bakkeewwan qabiyyee dheeressuu irratti dhiyaate murteesseera.
4ffaa Pirojektootaafi dhaabbilee misooma industirii faayidaa biyyaalessaa qaban irratti hirmaachuuf gaaffii lafaa dhiyaate irratti mari’atee murtee dabarsuu odeeffannoon Waajjira Kantiibaa irraa argame ni mul’isa.