Kaabineen nageenyaa Israa’el karoora magaalaa Gaazaa to’achuu raggaasise.

You are currently viewing Kaabineen nageenyaa Israa’el karoora magaalaa Gaazaa to’achuu raggaasise.

‎AMN PLUS- Hagayya 2/2017

‎Kaabineen nageenyaa Israa’el karoora magaalaa Gaazaa to’achuuf qophaa’e raggaasisuu isaa waajjirri muummicha ministiraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu beeksisuusaa BBC’n gabaaseera.

‎Haata’u malee, tarsiimoon haaraan kun yaada jalqabaa muummichi ministiraa Israa’el guutummaa Gaazaa dhuunfachuuf dhiyeessanirraa gadidha jedhameera.

‎Kanumaan Wal qabatee mormiin dhaga’amaa jiraachuutu gabaasame.

‎Lolli Israa’el magaalaa Gaazaa qabachuuf daangaa Paalastaayin keessatti gootu jireenya hawaasaa kan hammeesse yoo tahu namoota kuma 10’n lakkaa’aman qe’eerraa buqqisee beelaafi bakka qubsamaa dhabanii rakkacha jiraachuu beekameera.

‎Gargaarsi namoomaallee akka isaan bira hin geenye Israa’el dhorkaa jirti.

‎Haa ta’u malee qilleensarraan gargaarsi adda addaa taasisamaafii kan jiru kanallee dhaabsisuuf guutummaatti magaalaa Gaazaa to’achuuf kaabineen nageenyaa Israa’el murteesseera.

‎Akka qondaalli Israa’el maqaan isaanii akka eeramu hin barbaadne tokko ibsanitti ji’oota muraasa keessatti lammiileen Paalastaayin magaalaa Gaazaa keessaa baasamuun gara buufata qubattootaatti akka galaniif karoorfamuusaa quba qabaachuu beeksisaniiru.

‎Israa’el sababaan itti Gaazaa to’achuu barbaaddeef bakka loltoonni Haamaas itti hafan to’achuufi magaalaa guutuutti sakatta’iinsa gaggeessuuf tahuu gabaasamaa jira.

‎Muummeen Ministiraa Israa’el Netaaniyaahuun Gaazaa bulchuu akka hin barbaanne ibsuun itti gaafatamummaa bulchiinsaa qaama sadaffaatti akka kennan eeranii, daangaa nageenyi itti mirkanaa’e akka barbaadan ibsuusaanii Al-Jaziiraan gabaaseera.

‎Waraanni Israa’eliifi Gaazaa lubbuu lammiilee paalastaayin kuma 61 ol tahan galaafachuun, kanneen kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’eesaaniirraa buqqisuun isaa ni yaadatama.

‎Lammiileen baatiiwwan muraasa dura nagaan bu’eera jedhanii qe’ee isaaniitti deebi’an 200 tahanis sababa beelaan du’uun isaanii darbuu gabaasameera.

‎Gabaasni kan Al-Jaziiraafi BBC’ti.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply