AMN – Amajjii 14/2017
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa balaa ibiddaa Turkiitti Bulchiinsa Bolutti Hoteela riizoortii keessatti mudateen lubbuu namootaa darbuu fi miidhaan irra gahu isaatiif gadda itti dhagahame ibseera.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo rakkoo kanaatti Mootummaa fi Ummata Turkii cinaa kan dhaabbatu ta’uu isaa Ministeerri Dhimma Alaa ibsa gaddaa baaseen himeera.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo rakkisaa kanatti mootummaa fi ummata Turkii cinaa akka dhaabbatu ibsa gaddaa marsaa hawaasaa Ministeerichaa irraa argame ni mul’isa.
Turkkiitti Hoteela Riizoortii keessatti balaa ibiddaa mudateen lubbuun namoota 66 darbuu isaa ni beekkamera.