Leenjisaan buleessii ganna 65 lammii Itilii Kaarloo Anchelootii marsaawwan garagaaraa lamaan kilaba warra Luusbilaankoo leenjisaniiru.
Turtii kilabichaa waliin taasisaniin injifannoowwan jajjaboo kilabicha waliin kan galmeessan yoo ta’u dhuma bara dorgommii kanaa booda kilabicha waliin adda bahuuf jiru.
Leenjistoota hanga ammaa kilabicha leenjisan jajjaboo shan tarreeffaman keessaas milkaa’ina gonfataniin sadarkaa duraa qabataniiru.
Leenjisaan Joozee Moriinihoo bara Awurooppaanota 2011 hanga 2013 Maadriid leenjisuun kilaba masaanuu Peepi Guwaardioolaan leenji’aa ture Baarseloonaa injifachuun waancaa Laaligaa fi Koppaa Delarey mo’atanii seenaa Maadriidiin leenjisaa jabaa isa 5ffaa kilabichaa jedhamaniiru.
Waancaa Laaligaa Ispeen yeroo lamaa fi Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa yeroo lama kilabichaa waliin kan injifatan Visentee Delboksee ammoo seenaa Riyaal Maadriidiin leenjisaa cimaa isa 4ffaadha.
Kilabichaaf taphachuun waancaawwan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa 3 kan injifatan Miguweel Munooz ammoo leenjisummaa isaanii Maadriid bara Awurooppaanotaa 1960 hanga 1974’n waancaawwan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa 2 fi Laaliigaa 9 injifachuun leenjisaa jaarraa 20ffaa kilabichaa jedhamaniiru.
Leenjisaa Maadriidotaa seenaa gaarii qaban keessaa isa 3ffaati.
Miguweel Munooz taphoota 60 2 irratti Maadriidiin leenjisummaan dursuunis riikardii qabataniiru.
Taphataa urjii kilabichaa kan turan Zinaddiin Zidaanis turtii leenjisummaa isaanii bara Awurooppaanotaa 2016 hanga 2018 akkasumas 2019 hanga 2021’tti waancaawwan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa 3 dabalatee waancaawwan garagaraa 11 injifachuun seenaa Maadriidiin leenjisaa cimaa isa lammaffaadha.
Marsaawwan garagaraa lamaa jechuunis bara Awurooppaanotaa 2013 hanga 2015 akkasumas 2021 hanga 2025’tti Riyaal Maadriid leenjisaa kan turan Kaarloo Anchelootiin ammoo kilabicha waliin waancaawwan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa 3 dabalatee waancaawwan garagaraa injifachuun leenjisaa jabaa Maadriid isa jalqabaa jedhamaniiru.
Kaarloo Anchelootii liigiiwwan jajjaboo Awurooppaa shan: Seerii’A Itilii, Liigii Firaansi, Bundesliigaa Jarman, Laaligaa Ispeenii fi piriimer liigii Ingilaanditti injifannoo galmeesuun seenaa kubbaa miilaa keessatti leenjisaa addaa isaan taasisa.
Muktaar Abdallaan