AMN PLUS- Onkoloolessa 29/2018
Mootummaan Ida’amuu dameewwan diinagdee danuu tarkaanfachiisuun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf kaayyoo qabatee hojjetaa jiraachuu Ministirri Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa Ergoogee Tasfaahee (PhD) ibsan.
Kaayyoon leenjii hoggansaa Magaalaa Adaamaatti taasifamaa turees jijjiirama mootummaan ida’amuu fide ilaaludha jedhaniiru.
Leenjii hoggansaa irrattis hojiilee misooma qonnaa, idaastirii akkasumas misooma magaalaafi baadiyyaa jiru irratti muuxannoo bal’aa akka wal jijjiiranis dubbataniiru.
”Hojiilee misooma iddoowwan adda addaatti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran qaaman dhaqnee daawwachuun hiikkoo guddaa qaba” jedhaniiru
Misoomni baadiyyaa damee qonnaa wajjiin walitti hidhamuu kan daawwatan Dooktor Ergoogeen, daawwannaa muuziyeemii saayinsiifi teeknoolojitti taasisaninis teeknooloojii argan misooma biyyaatif oolchuun akka danda’amus ibsaniiru.
”Keessattu barri kun kan ‘Artifishaal Intalaajensii’ waan ta’eef Itoophiyaan damee hunda keessatti maal hojjechaa akka jirtu ilaaluu dandeenyeerras” jedhaniiru.
Shuumii Badhaasootiin