Kaayyowwan Riifoormii Sektara Dinagdee Mandhaleetiin akeekaman keessaa tokko hudhaalee sektaroota ijoo furuudha- Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa

You are currently viewing Kaayyowwan Riifoormii Sektara Dinagdee Mandhaleetiin akeekaman keessaa tokko hudhaalee sektaroota ijoo furuudha- Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa

AMN PLUS – Guraandhala 28/2017

Kaayyowwan Riifoormii Sektara Dinagdee Mandhaleetiin akeekaman keessaa tokko hudhaalee sektaroota ijoo akka qonnaa, indastirii fi manifaakchariingii keessatti muldhatan furuu akka ta’e ibsameera.

Tarkaanfii akka naannotti hudhaalee gama kanniinin jiran furuuf fudhatameen, qonna irratti jijjiiramni jajjabeessan argamee jira. Inisheetivii qamadii jallisiin xiyyeeffannoo babal’isuuf kennameen raawwii gaariin galmaa’era.

Karoora baranaa lafa hkt. mil. 4 misoomsuuf qabame keessaa hanga ammaatti lafa hkt. mil. 3.3’tti siqu midhaanin kan uwwifamee yoota’u, xiyyeeffannoo waliinga’insa inisheetivichaatiif kennineen, godinaalee fi aanaaleen armaan dura waqtii gannaatinillee qamadii hin qonne yeroo amma qamadii jallisii babal’isuu irratti argamu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, yeroo ittaanu gama kanaan inisheetivoota sirnoomsuu fi omishtummaa dabaluu irratti xiyyeeffachuun, ce’umsa dinagdee caasawaa dhugoomsuu irratti sonaa’ee kan hojjatu akka ta’e odeeffannoon Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply