Kabajaa fi deeggarsa ummanni Tigraayi naaf kenneef galata guddaan qaba jedhan pirezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay duraanii Obbo Geetaachoo Raddaan.
Obbo Geetaachoon fuula marsariitii isaanii ‘X ‘irratti ergaa afaan Tigreen dabarsaniin itti gafatamummaa bulchiinsa yeroo waggaa lamaa ifatti deebiseera jedhan.
Kabajaa fi deeggarsa ummanni Tigraayi naaf kenneef galata guddaan qaba kan jedhan obbo Geetaachoon ummanni keenya gara haala fooyya’aatti akka deebi’u fedhiinsaa hundi akka guutamuuf waanan danda’u nan hojjedha jechuun ibsaniiru.
Fedhiin nagaa fi jijjiiramaa akka hin gufanne qabsoo keenya haa cimsinu jechuun ergaa dabarsaniiru.