Turizimiin Oromiyaa waggoota sadan darban dadammaqiinsa guddaa agarsiiseera- Pireezidaanti Shimallis

You are currently viewing Turizimiin Oromiyaa waggoota sadan darban dadammaqiinsa guddaa agarsiiseera- Pireezidaanti Shimallis

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan cufiinsa Sagantaa “Torbee Turiizimii” Komishinii Turiizimii Oromiyaatiin qophaa’ee irratti hirmaataniiru.

Sagantichaan raawwii seektaricha irratti caalaatti akka hojjetamu kan kakaasaniifi qooda fudhattoota seektarichaa dadammaqsuu danda’an hedduu daawwachuu dubbataniiru.

Barii Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaatti galmaa’etti wal arguu keenyaan gammachuun koo dachaa dha jedhan obbo Shimallis.

“Akaakileefi Abaabileen qabeenya qaalii kana eeganii tursiisaniifi nu dhaalchisan, keessattuu ummata Baalee hedduu galateeffachuun barbaada” jedhaniiru.

Mootummaan Jijjiiramaa Seektarri Turiizimii dilbii hin tuqamne ta’uu hubatee dinagdee naannoofi biyya keenyaa keessatti qooda hiika qabeessa akka taphachuu danda’utti caaseffama damee kana madaaluu ijaaruufi inisheetivoota haaraa yeroo gabaabaa keessatti jijjirama barbaadamu fiduu danda’an bocuun hojjiitti galuu yaadachiisan.

Komishiniin Turiizimii Oromiyaas ergama guddaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa itti kenne kana fudhatee hojiitti erga galee waggoota muraasa ta’uus, umrii hundeeffama waggaa sadii qofa keessatti hojiilee bu’aa gurguddoo akka naannoofi biyyaatti argamsiisan raawwachuu bira darbee akka qaxanaa Afrikaa Bahaatti dadammaqiinsa guddaa uumuu danda’eera jedhan.

Daawwannaa agarsiisa “Torbee Turiizimii” kanaan hojiilee abdii hedduu namatti horan kan agarre yoo ta’u, gama birootiin carraa hojii seektarichi maddisiisu: tajaajila geejjibaa, dhiyeessii meeshaalee aadaa, madaqsa Teeknoolojii, tajaajila hoteelaafi iddoowwaan bashannanaafi kkf irraa fayyadamaa ta’uuf hataattamaan raawwiitti galuu qabna jedhaniiru.

Sochiin hanga ammaa jiru akka mul’dhisutti, hojii manee baay’een kan hafan ta’ullee, gama hundaan onneerraa hojjennaan wanti jijjiiruu hin dandeenye akka hin jirre kan mirkaneessu ta’u ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Qopheessaa sagantaa kanaa Komishinii Turiiziimii Oromiyaa, deeggartoota seektarichaa, dhaabbilee hojiifi tajaajila akkasumas kalaqa gara garaa agarsiisuuf hirmaatan, qaamolee milkaa’ina sagantichaa keessatti qooda fudhatan maras galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply