Kalaqni egeree Itoophiyaaf abdii guddaa akka ta’e Obbo Xiraatuu Bayyanaa ibsan

You are currently viewing Kalaqni egeree Itoophiyaaf abdii guddaa akka ta’e Obbo Xiraatuu Bayyanaa ibsan

AMN PLU- Waxabajjii 12/2017

‎Wal dorgommiin Kalaqa Yaada Daldalaa Finfinneetti adeemsifama jira.

‎Wal dorgommichis mata duree ” Yaada Kalaqaa Egeree Gaariif ” jedhun gaggeeffamaa jira.

‎Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa, kalaqni egeree Itiyoophiyaaf abdii ta’uu himan.

‎Kantiibaa Itti Aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay, kalaqoonni hojiitti galuun bu’aa akka argamsisaniif xiyyeeffannaan ni hojjatama jedhaniiru.

‎Hojiilee Misoomaa Magaalaattii keessatti hojjatamaa jiraniif kalaqni murteessaa ta’uus Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsaniiru.

‎Wal dorgommichaan kanneen 1-15ffaatti sadarkaa qabatan,dorgommii akka guutuu biyyaatti adeemsifamurratti kan hirmaatan ta’a jedhameera.

‎Wal dorgommiin Kalaqaa kun, Magaalaa Finfinneetti marsaa 3ffaaf gaggeeffamaa akka jiru erameera.

‎Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply