Kalaqni Industirii aadaa ibsituu Irreechaa ta’uusaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatti Daarektarri Misooma Industirii Ogummaa Harkaa Obbo Abarraa Taaddasaa himan.
Obbo Abarraan turtii AMN Diijitaal waliin turtii taasisaniin Oromoon jiruuf jireenya isaa gaggeeffachuuf kalaqa ogummaa harkaa babal’ifachaa akka ture himaniiru.
Industiriiwwan kunis oomisha huccuu aadaa, bokkuu, kallacha, Siiqqee, Caaccuu fi faayawwan garagaraa kan haammatu ta’ee hojiiwwan aadaa fi dudhaa Oromoo babal’isan aadaanis kan wal-qabatu eenyummaa Oromummaa calaqisiisuu keessatti qooda guddaa qabachuu ibsaniiru.
Keessattuu faashiniin uffannaa aadaa babal’achaa dhufe Irreechaan walitti hidhamiinsa guddaa qabaachuun ittiin mul’achuu fi mul’istuu guddaa of-keessaa qaba kan jedhan Obbo Abarraa Taaddasaa, Yaroo ayyaana kanaaf bahu akkaataa uummata Oromoo ibsuun dudhaa fi faaya calaqqee kanaan masakame addunyaatti beeksisu jechuun dubbataniiru.
Karaa biroo guddina diinagdee keessatti qooda guddaa waan qabuuf karaa tokkoon dudhaa uummatichaa beeksisuu karaa biroo guddina diinagdeef oolchuun sonaa fi dudhaa irreechaa kan ittiin beeksifamuudha jedhaniiru.
Waldaaleen industirii kana keessatti gurmaa’anii uffannaa aadaa Oromoo oomishanis beekumsa gahaa horatanii uffannaa aadaa Oromoo kana boca (design) isaa karaa sirrii ta’een hojjachuun ittiin ayyaanicha addunyaatti beeksisaa akka jiranis hubachuutu irraa eegama jedhaniiru.
Oomisha industirii Aadaa kana keessatti warreen hojjetan kun ambaasaaddara beeksisa dudhaa uffannaa Oromoo ta’uu yaadachaa gama hundaan hubannaan hojjetaa jiraachuullee dubbataniiru.
Yeroo ammaa kana Baazaariifi Agarsiisa Irreecha bara 2018 gaggeeffamu sababeeffachuun Giddugala Agarsiisa Magaalaa Finfinneetti qophaa’e irratti waldaaleen oomisha industirii aadaa kana keessatti bobba’anii jiran hedduun oomisha isaanii dhi’eessuun beeksisaa akka jiraniif bittaa fi gurgurtaan addaddaa gaggeeffamaa jira jedhan.
Hanga ammaatti baayyinaan uffannaa aadaa, Faaya Aadaa, qonna hojii invastimantii agro proosesiisii dhiyeeffachaa bu’aa argataa akka jiranis eeraniiru.
Waldaaleen industirii aadaa 100 ol yoo ta’an dabalatee waliigalaan dhaabbileen 200 ol dhiyeessaa waan jiraniif hawaasi daawwachuu, bitachuu fi aadaa wal barsiisuun akka irratti hirmaatan AMN Diijitaal waliin turtii taasisaniin waamicha dhiyeessaniiru.
Daraartuu Tarreessaatu gabaase