Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin gaaffiiwwan uummata keenyaa kan deebisnu furmaatawwan qabatamaafi waaraan mul’atan irratti xiyyeeffachuuni jechuun ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a ganama Kilaastara Indaastirii ijaarsi isaa xumuramaa jiru daawwanneerra jedhan.
Kilaastarichi lafa heektaara 93 bulchiinsi magaalichaa qopheesse irratti baasii birrii biiliyoona 7 oliin ijaaramaa kan jiru yoo ta’u boqonnaan jalqabaa sheediiwwan 120 kan qabu ta’uu himan.
Sheediiwwan kunneenis hojii oomiisha sibiilaa, bu’aawwan mukaa, huccuu, Pilaastikaafi keemikaalaaf kan oolan akkasumas tajaajila agarsiisa oomishaafi gurgurtaa kennuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi qe’ee indaastirii kun rakkoo bakka hojii furuun cinaatti omishaalee warshaa biyya keessatti oomishuu, hanqina sharafa maallaqa alaa furuu, carraa hojii bal’aa uumuufi cehumsa diinagdee si’eessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu eeran. Boqonnaan lammaffaa ijaarsichas sheediiwwan omishaalee qonnaa qindeessuuf oolan kan of keessaa qabu ta’uus Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Qe’een indaastirii kun sheediiwwan kanaan dura turan irraa karaa adda ta’een teeknolojiiwwan ammayyaafi galteewwan Elektiroo Mekaanikaalaa kan fayyadaman ta’anii ijaaramuu himan.
Qe’een indaastirichaa Buufata xayyaaraa Booleerraa dheenyarratti kan argamu daandii Kaargoo Boolee Aqaaqiirratti kan argamu waan ta’eef Piroojektichi omiisha geejjibsiisuuf yaadamee bakka tarsiimowaatti kan ijaarame ta’uu himaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee Magaalaa Finfinnee fakkeenya badhaadhina Itoophiyaa ni taasifna jedhan ergaasaaniin.