Kantiibaa Adaanech Abeebee Hoogganaa Komishinii Gamataa Afriikaa waliin mari’achuu ibsan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee Hoogganaa Komishinii Gamataa Afriikaa waliin mari’achuu ibsan

AMN PLUS Caamsaa 19/2017

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin har’a hoogganaa komishinii Gamataa Afrikaa Muhammad Alii Yuusuf baga nagaan dhuftan jennee simannee waliin haasofneerra jedhan.

Komishinara Alii Yuusuf waliin dhimmoota tumsa misooma garaagaraa fi magaalota Afrikaa ilaallatan akkasumas waa’ee hojiiwwan itti aananii irratti gahee Finfinnee qabduu fi dhimmoota barbaachisoo ta’an irratti mari’anneerra jedhan.

Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa, magaalaa dippiloomaatota idil-addunyaa taatee haga ammaatti tajaajilaa akka jirtu, kana caalaammoo jiraattotashee, keessummootaafi dippiloomaatotaa Finfinnee jiraatan karaa giddu galeessa godhateen ciminaan tajaajiluuf itti gaafatummaa ishee haala guutuu ta’een bahachuuf hojjechaa jiraachuu ibsineefii jirra jedhan.

Hoogganaan komishinii Gamataa Afrikaa Muhammad Alii Yuusuf gama isaaniin magaalaa Finfinnee daaw’achuu isaanii, jijjiirama gama aadaa hojiin jiru ilaalchisees jiraattonni magaalattii halkaniifi guyyaa dabalate guyyoota ayyaanaa akka hojjetan ilaalanii dinqisiifachuu ibsaniiru.

Jiiiramni Finfinneetti mul’ate magaalota Afrikaa birootiifis akka babal’atu yaaliiwwan gochuun akka barbaachisu Komishinarichi ibsuuaanii Kantiibaa Adaanech Abeebee karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin eeraniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply