AMN PLUS Adoolessa 20/2017
Kantiibaa Adaanech Abeebee meeshaaleen daa’imman taphataa ittiin baratan akkasumas kalaqaafi dandeetti xiinxaluusaanii dabaluu danda’an Faawundeeshinii Loogoorraa karaa Inisheetiivii Kilitiin Halzi Aksasiin arjoomamuu ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin sagantaa guddina daa’immanii utubaa ijaarsa biyyaa gochuun irratti hojjechaa jirra jedhan.
Sagantaan guddina daa’imman Qadaamaayi dhaloota beekumsaan gahoome, kalaqaan gabbate, naannoosaa hubateefi qormaatawwan mudataniif dusee furmaata saayinsaawaa kaa’uu, dhaloota cimaafi jaalala biyyaa qabu ijaaruu dandeessisa jedhan.
Kennaawwan kunneenis daa’imman saalessa sammuufi miidhama qaamaa qaban giddu galeessa kan godhatan waan ta’aniif galata dhiheessaniiru.