Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa Televizhinii ‘ Yammisaruu Ijjooch Wag’’ eegalchiisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa Televizhinii ‘ Yammisaruu Ijjooch Wag’’ eegalchiisan

AMN PLUS Waxabajjii 28/2017

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Ministira Hojiifi Oguummaa Mufariyaat Kaamiil waliin sagantaa Televizhinii ‘ Yammisaruu Ijjooch Wag’’ eegalchiisaniiru.

Sagantaa Televizhinii kanas Biiroo Hojiifi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetu Addis Miidiyaa Netwoork waliin ta’uun qopheessa.

Sagantaan kun turtii waggaa tokkoo yoo qabaatu aadaa hojii dagaagsuufi gabbisuu, kabaja hojii guddisuu keessatti qooda olaanaa akka qabu Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Aadaa hojii cimsuun, harka hojjetu deeggaruufi kabajuun agarsiiftuu hawaasa qaroomeeti jedhan.

Itoophiyaan hojjechuun jijjiiramti kan jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee jiruufi jireenya lammiilee fooyyesuun kabaja biyyaati, kanaafis harki hojjetu kabaja argachuu qaba jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply