Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin waliin karoorsinee, waliin hojjennee waliin bu’aa fidneerra jechuun ibsaniiru.
Qorannoo raawwii hojii bara 2017 fi marii karoora bara bajata 2018 guyyoota darban taa’aa turre xumureerra.
Bu’aawwan jajjabeessoo qorannoon galmaa’an itti fufsiisuun akkasumas hanqinaalee adda bahan sirreessuun yeroo itti aanutti raawwii fooyya’aa galmeessuuf waliigalleerra jedhan.