Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojjettoota Misooma Birbirsa Gooroo/Piyaassaa, misooma kooriidarii 4-kiiloo – Inxooxxoo, misooma qarqara Laggeenii Addabaabayii Michummaa haga Piikook irratti hirmaataa jiraniif sagantaa beekamtiifi galateeffannaa qopheessaniiru.
Aadde Adaanech karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Ijoolleen Itoophiyaa mul’ata keenya qooddattanii warreen seenaa ifaa katabdan isin galateeffadha” jedhan.
Hojjettoonni roobaafi qorraaf osoo hin jilbeenfatiin akkasumas nan dadhabe osoo hin jedhiin hojii boonsaa lammiin biyya isaa jaallatu hundi ittiin boonu waan hojjetaniif seenaan isaan yaadata jedhan.

Keessumaa misooma qarqara lagaaf bara 2012 irraa eegalee deeggarsa mootummoota alaafi deeggartoota gaafachuun tattaaffii hedduun taasifamus waggoota shanitti kiiloomeetira 2 ol hojjechuun akka hin danda’amne yaadachiisan.
Haa ta’u malee kutannoon itti seennee misooma qarqara lagaa kiiloomeetira 45fi lafa heektaara kuma 1 baatiiwwan torba keessatti haala ajaa’ibsiisaan milkeessineerra jedhan.
Hojiin kun akkaatuma karoorfameen ijoollee biyyattiin hojjetamuus eeran.
Kanaaf ammoo Itoophiyaan gama maraan akka badhaatuuf yaadicha kan maddisiisan akkasumas tumsa addaa kan taasisan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimadiin galateeffataniiru.