Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen pirojektiiwwan barnootaa 150, birrii biiliyoona 5.2 ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisan.
Manneen barnootaa haaraan 14, kan babal’ifaman 64 fi kutaalee barnootaa kumni 1 fi 655 dabalatee kutaaleen ICT, Yaalii, galmiwwan nyaata , manneen kitaabaa, dirreewwan Ispoortii, manneen qulqullinaa fi Bishaan dhugaatii hojjetamuun tajaajila eegaluu Kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Hojii dhaloota ijaaruu hojjetamaa jiru kana keessatti qaamoleen hirmaannaa taasiftan hundi galatoomaa jedhan aadde Adaanech.