Kantiibaa Adaanech Abeebeen Poolisota Finfinnee leenji’aa turan eebbisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen Poolisota Finfinnee leenji’aa turan eebbisan

AMN PLUS- Sadaasa 13/2018

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Poolisoota Qajeelchi Poolisii Magaalaa Finfinnee yeroo jalqabaaf humna ofiin leenjise eebbisan.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen haasawa taasisaniin, dandeettii dabalataa leenjiin argatan hawaasa, wayilaa hojii fi qaamoolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun nageenya magaalichaa akka mirkaneessitan abdiin qaba jedhan.

Qondaaltonni eebbifaman gara hojitti wayita bobba’an amanamummaan, qajeelummaan dhugaaf looguu fi faggeessanii yaaduun hogganamuun tajaajilaa ummataa dhugaa akka ta’an hubachiisaniiru.

Kolleejjichi Baha Afrikaatti dorgomaa akka ta’uuf mul’ata qabate akka milkeessuuf Bulchiinsi Magaalichaa deeggarsa barbaachiisu kan taasisu ta’uu kantiibaa Adaanech Abeebeen mirkaneessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply