Itoophiyaanonni hundi maallaqaa fi kadhannaan akka isa bira dhaabbataniif gooli eegaan Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa duraanii Saadaat Jamaal gaafate.
Saadaat sababa dhukkuba tiruu isa mudateen biyya alaa deemee akka wallaanamuuf murtaa’eera.
Saadaat turtii AMN waliin taasiseen yeroodhaaf hospitaala dhuunfaa keessatti wal’aansi taasifamaafi akka jiru dubbateera.
Gooli eegaan duraanii kun baasii wallaansaa isaa kaffaluu akka hin dandeenye ibseera.
Wal’aansi inni biyya alaatti taasisu akka milkaa’uuf kan maallaqa qabu maallaqaan, kanneen biroo ammoo kadhannaadhaan akka isa bira dhaabbatan gaafateera.
Bara taphataa ture Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin waancaa ‘CECAFA’ milkeesseera.
Kilabiidhaan Niyaalaa fi Buna Itoophiyaa waliin waancaa adda addaa kan kaase Saadaat, yeroo dhumaatiif kan taphate miindaa Birrii 2000’n ta’uu yaadachiiseera.
Gooli eegaa kanaaf baasii wallaansaaf barbaachisu walitti qabuuf magaalaa Waraabeetti koreen walitti qabaa deggersaa hundaa’ee hojii akka jalqabe Saadaat dubbateera.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaas deggersa gochuuf fedhii kan agarsiise ta’uu gooli eegaan kun ibseera.
Leenjisaa Kilaba Dubartootaa Kutaa magaalaa Lidataa kan ta’e Saadaat Jamaal wallaansi isaa biyya alaa milkaa’eefii gara kubbaa miilaa jaallatutti akka deebi’u abdii akka qabu AMN’tti himeera.
Taammiraat Abarraatu gabaase